VOA - Hiriirri Mormii Godinaalee Oromiyaa Keessatti Ittuma Fufee Oole. Reeffi Barataa Tokkoo Bishaan

Thanks! Share it with your friends!

You disliked this video. Thanks for the feedback!

Added by Webmaster

Masteer pilaanii magaalaa Finfinnee fi magaalaalee addaa Oromiyaa misoomaan walitti-qindeessuuf wixiname, jedhame otuu hin raggaasisamiin hojii irra oolfamaa jira, kannaaf haa haqamuu, ilmaan Oromoo mormii kana irratti ajjeefaman, ka paartileen mormituu dhibba tokkoo ol ga’an jedhaniif mootummaan itti gaafatama haa fudhatu, kanneen hidhaman, akka paartiin mormituu jedhanitti kuma afurii ol ta’an haa hikaman, jechuudhaan walakeessaa baatii Sadaasaa tii kaasee mormiin Oromiyaa keessatti gaggeefamu har’as magaalaalee adda addaa keessatti itti fufee jira.

Hiriira Mormii Roobee, Oromiyaa

Gara walakkeessa baatii Sadaasaa tii jalqabee hiriirri mormii guutummaa Oromiyaa keessatti barattootaa fi uummataan geggeessamaa jiru kun, “Maaster Pilaaniin Finfinnee akka waan hin raggaasisamiinitti dubbatame iyyuu karaa adda addaa hojii irra oolfamaa jira. Labsiin fooyyaa’ina bulchiinsa magaalaalee Oromiyaa Caffee Oromiyaatiin bahes harka lafa jalaatiin karooricha hojii irra oolchuuf kan shirame” jechuun balaaleffata.

Hiriirri mormii guutummaa Oromiyaa keessatti geggeessamu kun tarkaanfii mootummaan “fudhadhe” jedhuun troban tokkoof ka gab jedhe fakkaate iyyuu torban dabre irraa jalqabee haala daran how’aa ta’een geggeessanaa jira, jedhu hiriirtonnii fi jiraattonni naannoolee Oromiyaa adda addaa.

 

Hiriira Mormii Hirna, Oromiyaa

Maater Pilaanii Finfinnee mormuutti dabalee “kanneen hidhaman haa hiikaman. Kanneen ajjeechaa raaw’atan seeratti haa dhihaatan” kanneen dhaadannoo godhachuudhaan, har’a, Harargee Lixaa, magaalaa Hirnaa, Baalee, magaalaa Roobetti, kaleessaa fi dheengadda immoo, Wallagga Bahaa, magaalaa Siree fi Hargaa Bahaa, aanaa Haramaayaa dabalee bakkawwan hedduutti geggeessamee jira - hiriirichi.

Wallagga Bahaa, magaalaa Naqamteetti kan argamu Yunivarsitii Wallaggaa keessatti ka barataa ture barataan tokko reeffi isaa bishaan naannawa Yunivarsitichaa jiru keessatti argamuu isaa ragaan Hospitaala Naqamtee irraa argamee fi hiriyoonni baratichaa ibsanii jiran.

“Ajjeechaa, hidhaa fi gidiraa Itiyoophiyaa keessatti Oromoo irratti geggeessamu haa dhaabatu!” jechuun kanneen morman – Oromoonni magaalaa London keessa jiraatan immoo hiriira ba’anii, xalayaa isaanii waajira Muummicha-ministaraa Briteenii fi ka birootti dhiheeffataa oolan. Eega shaamaa qabsiisuudhaan waajira Muummicha ministaraa Deevid Kaameroon fuul-dura taa’uu jalqabanii har’a guyyaa sadaffaa isaanii ti – Hiriirtonni hawaasa waldaa dubartootaa magaalaa London jiruun qindeessaman.

As we have reported here, the following is the general chronology of events related to Oromo protests: 

  • The protest began on November 11.
  • The protest started in Ginchi.
  • The protest was held in 153 different places in Oromia region of Ethiopia. 
  • People removed the government administration in several towns.
  • The first ever peaceful demonstration in Ethiopian history (boycotting of meals and silent protest)
  • Students protest started at Haromaya University.
  • The Federal government has taken over the administration of the Oromia region.
  • The security of Oromia region is handled by special force of the military.
  • Farmers and women are taking part in the protest.

In a press conference the government vowed to crush the protesters yesterday and on a national TV a day earlier. 

Aljazeera spoke with Bekele Gerba on this issue. At the same time OLF, ODF, Ginbot7 and others voiced their support to the Oromo protesters.

 

ALJAZEERA - Ethiopias Oromo Groups Protest For Rights

Ethiopia ESAT BREAKING NEWS Birhanu Nega Speaks about OromoProtests

EBC OPENLY GOES AFTER THE OROMO

Ato Getachew Reda - Full Press Conference Dec 16, 2015

For daily information on the protest visit our video coverage on SiiTube.com  

Category
News #OromoProtests Radios VOA
Tags
OROMO NEWS, OROMOPROTESTS, ETHIOPIA NEWS, ETHIOPIA DRAMA, BECAUSEIAMOROMO, omn.com

Post your comment

Comments

Be the first to comment