Lola Worra Baddaa fi Worra Lagaa - Aman Hedatoo

Lola Worra Baddaa fi Worra Lagaa 
……………………………………………………………………
Ee! bara dur kana keessa jedhan wol dhabbiin ture. Worra gaaraatii fi worra lagaa jidduu. Worri durii akkuma namuu yaadatu akka bara ammaa ummata ilkaaniin wolitti kolfaa albee wolitti qaratu kana hin turre. Egaa gaaf tokko worri lachuu guyyaa wolii bahu ifaan ifa wolitti himee qophii lolaatiif qophayuu jalqabe. Guyyaan hin gahe. Lolli jabaan garee lamaan jiddutti ta’ee worri gaaraa worra lagaa injifate. Worri injifate qabeenna saame guuratee akkuma laafatti (ufuma duubaan deemee deemee laga cehee) qe’ee isaa gaaratti dacha’e.

Guyyoota itti aanan. Worri injifatame ka lagaa balaa irra gahe uf tooyachuu jalqabe. Diinni isaanii qabeenna saamuu qofa uduu hin taane daa’ima tokko (woyii) llee haadha harkaa fudhatee lixuu hubate. Daa’imni fudhatamuun qabeenna saamame caalaa worra injifatame aarse. Maayii irra daa’ima kana deeffachuu akka qaban uf amansiisanii worra gaaraatti duuluuf wolitti kakatanii qophii jalqaban. Uduu hin turin guyyaan lolaa gahee makkaayanii, makkeeffatanii gaaratti qajeelan. Haata’uu garuu dubbiin akka yaadan oola-gala ta’uu didde. Lolanii diina isaanii injifachuun haa hafuu karama gaara san bahaniinuu wollaalan. Diina isaanii faana dhahuun isaan dhibde. Isaan keessaa ka karaa gaara san bahaniin akeekkate hin dhabamne. Garuu bahuu dadhabe. Abdii hin kutanne. Ima wixxifatan. Hin bulan. Lama-bulluttilee bakka yaadan gahuun hin dhibde.Hin bubbulan. Dhagaan gaara sanii ka isaan dura ture ka kuun kaan caalu ta’ee isaaniin lole. Akkasumatti torbanneen gahan. Ji’a guutan. Irra taran. Garuu hammi isaan uf dura deeman haga waan hin deeminii ture. Yaalii yeroo hedduu booda abdii kutatanii tataa’uutti dacha’an.

Gaaf dhumaa wolitti dacha’anii waan isaan simate wolitti himuu jalqaban. Gaaf san uduma gumii kana taa’an jidduun yoo achi mimildhatan dubartiin woyii gaara keessaa ka gara isaanii gad dhuftu argan. Akkuma isaan bira geetteen haadha daa’imni jalaa fudhatame ta’uu hubatan. Dubartiin sun garuu kophaa isii hin turre. Daa’ima isii duddaa qabdi. Yoona gumiin marti lafaa yaa’ee dadhabbii gaara san bahuu isaan dhoorge wolitti himuu dhiisee dubartii sanitti himuu jalqabe. Woreegama gaara san bahuuf kafalame eega itti odeessaniin booda “ka nu kana mara tattaafannee ijibbaanne ati akkamitti dandeettee bahuu qofa uduu hin taane diina harkaa daa’ima kee fudhatte?” jedhanii gaafannaan haati mucaa maal jette seetan, “daa’imni keessanii miti.” Dhugaa dha daa’imni ka isaaniitii miti. Ka haadha saniiti malee. Suna chitti sani.
..............................................

Dhiiroo mammaaka haarawa tokko dhageettanii?
“Dudda duubaan deemnee laga cehuu dandeenna’ jette Tigreen” jedhan. Oromootu bara kana mammaaka. Ee! mammaaka haarawa. Silaa bara kana “aak” jedhanii waa tufuu malee mammaakanii waa himuun qaraa dagatamte. Uf gatuun kun ammoo bara dhufe. Ee! akkasuma haa jennuu. Yeroonillee yerooma cufa afanuma tokko hin dubbattu. “Yeroon afaan dubbattuun qofa uduu hin taane loqodallee qabdi” jedha worri hiikkaa yeroo irratti falaasamu. An garuu falaasama namootaa kana keessaa hin jiru. Loqonni yeroo ka keessa jirru ka abbootii irraa dhaallee akka hin taane garuu marti keennaa hin hubanna. Loqonni abbootiin teenna dubbachuu turtee fi arha dubbatamu ka wol hin fakkaannee qofa uduu hn taane wolii faall’a.

Ee! dur lafa irra ejjachuu fi wol irra ejjachuun akka akka. Bara keessa jirru kana garuu akkuma tokko.Dur, lafatti tufuu fi wolitti tufuun akka akka. Amma garuu akkuma tokko. Dur bakkaa fi akka itti dubbatanillee ni laallatan. Bara keenna kana garuu waanuma fedhan dubbachuun laalcha hin qabu. Namatti tufaniillee akkuma waan lafatti tufaniitti laaluun saala hin qabu. Dhugaan bara duriitii fi ta bara ammaallee dudda dudda. Dur dhugaa jechuun dhugaa jechuu dha. Bara keenna kana garuu dhugaan barruu qofa uduu hin taane qonxola fakkeessaan jalaa gubbaa maaxarte daalattii woyiiti. Bushootuu dhoqqee fakkeessaatiin dibamte. Ee! dhugaa fakkeessaan fokkiftee fi imimmaan sobaa huqqise. Ta martuu qoodatee kiisii kaayatee yaa’uun. “Gogaa duugduun yoo dadhabdu saree ari’utti kaati” akkuma jedhamu dhugama adda qircannee gooroo gooroon yaanullee qabannee deemuu dadhabnee “tiyya michu! tan tee fokku!” jennee dhagaa wolitti guurataa oolla. Biyyee baddu ta waatich dadhabe, biyya baddu ta hayyichi dadhabe taane. Maal jette jedhan sareen fossoo nyaatte dur dur keessa. "Haguudhaaf nama dhiba." Egaa bakkuma geennetti badii wolii suufaa ooluun kun eessatti akka dhabatu ka himu hin jiru. Yoo namni tola woyii hojjate qaawwa itti baasuuf albee qaranna. Yoo badiin woyii bakka woyiitti dhageenne harka lamaaniin gurra qabannee muka kora. Uduu wolitti iyyinu ta dhiitee bariiti yookiin ta bariite dhiiti. Bara dur, wol arrabsituun wol faarsuu baattullee wol hambifatti. Sun bara keenna kana hin jiru.

Dhugaan bara keessa jirruu waan namuu kiisii kaayatee yeroo itti hajame fuudhee akka hancaqqeetti (hancootti) alanchee tufu fi ta akka maarrabiitti furriin haqatu taate. “Haga feetellee deemtee fagaattu maaraattuun qe’ee ufii hin wollaaltu“ jedha dur worri nu irraa baane. Akka marattuu ka yaa’ee buusee baasee laga keessa wol ari’aa oolu martuu wonni barbaadu ifa. Kun eennuufuu haarawaa miti. BILISUMMAA barbaanna. Bilisummaa eennuun jalaa bahuuf? Tigree duubaan deemtee akka laga cehuu dandeettu nutti himtu jalaa. Garuu akka amma itti jirru kanattii…Garuu dhugamaan bilisummaa barbaannaayyuu moo aakuma haadha daa'ima bilisummama abbaa itti hadoodu qabduun si barbaanna jenna

 

Post your comment

Comments

Be the first to comment

Related Articles