It was Badho who shot Baro | An Afan Oromo response to Beekan Guluma

  • Baro was the founder of ICAT.
  • Baro was always careful not to offend Durgue.  
  • ICAT and MEISON decimated two Oromo organizations: “Bilisummaa” and “Oromiyaa” 
  • When Gen. Tadese Biru and Megersa Bari died in armed struggle, Baro Tumsa et al were working for Dergue.
  • Jara called on Lenco Lata, Baro Tumsa and Badho Dachasa (aka Damaksa) to join armed struggle. 
  • Only Badho Dachasa believed in armed struggle and joined right away. 
  • Baro Tumsa escaped to Hararghe later after Durgue turned against him. 
  • OLF was already formed by Elemo Qilxu, Mulis AbaGada, and Jara AbaGada. 
  • Baro Tumsa was an intellectual. 
  • Baro Tumsa was immediately awarded a leadership position in OLF. He was obsessed with power. 
  • Leenco Lata and Abacala Lata joined following Baro Tumsa. 
  • There was a leadership meeting after-which Baro, Badho, Lenco, and Abacala remained together.
  • Badho and Baro always argued and never got along. 
  • Badho reportedly shot at Baro. Baro died on the way to hospital.  
  • Badho is said to have shot himself after being shot on the foot by an individual.  
  • When asked of this incident, the late Jara said this: “All I know is that I have had Lenco Lata sign a letter confirming I didn’t kill Baro Tumsa.” 
  • ODF was Baro Tumsa's vision. 

MUL’ATA GATATE

Darggaggoo Beekan Guluma mata duree “Mul’ata Karaati Hafe” jedhu jalatti seenaa Obbo Baaroo Tumsaa barreessu yaalteetta. Barreessun kee hameenya hinqabu.Waan jibbamus miti. Jibbamus jaalatamus barreessuun mirga keeti. Abbaan jaalate nifudhataa, kan jibbe ammoo nidhiisa. Wanti na kaasee seenan kuni maa barreeffame jedhee dhaadachuuf miti. Haala tibbanaa Oromoo keessatti deemaa jiru irra dhaabbadhee yoon ilaalu waan Oromoon akka ummataatti beekuu qabu tokko oto hinibsin darbuun itti gaafatama seenaa akka qabu waan natti dhagahameefi. Ummanni Oromoo kana beekuu dhabuurraa QBO waggoota 40 darbaniif haala hintaaneen lubbuu ilmaan Oromoo nyaachaa as gahe kuni summi hooggana qabsoo keessa tureen akka ta’e kan har’a ifa bahe kuni hundeen isaa seenaa ati barreessu yaalte sanarraa akka margee dagaagee as gahe waanan beeku ummata Oromoof ibsuu barbaadeni. Fudhacuuf fudhachuu dhiisun siifis namoota dubbisaniif mirga.

Akka kanaan:

1-Otuma Obbo Baaroon akkuma atuu jette seenan isaa qulqulluu kan homaa mudoo hinqabaanne ta’ee jiraatee – nama Bilisummaa Oromoof lubbuu saa kenne jennee fudhannee – seenan ati barreessite haala ibsuu qabuun seenaa nama kanaa hin ibsu. Akka nama baratee qaroome tokkotti qormaatarratti hundooftee hin barreessine. Namni akka keetii barmoota olaanaa baratee kitaabota hedduu barreessuu kee nutti himaa jiru jette jetteerratti oso hinhundaa’in gadifageenyan qormaata mataa isaa adeemsisee barreessutu irraa eegama jedheen amana.

2- Ani waanan barreessu kana yoon barreessu Obbo Baaroon hangafa koo ta’us baroota murteessaa inni waan hedduu hojjate sana keessa anis waayee ummata Oromo hanga tokko qaawwa dhiphoo ifa agarsiistu takka argee naman qabsoo Oromoo keessatti hanga dandeettin koo naa heyyametti qooda fudhachaa ture waanan tureef waan baras dalagamaa ture ragaa 1ffa ta’u nan danda’a jedheen amana. Bara tokko jiraanne yoonan jedhu Obbo Baaroo qaaman argee wajjin hin haasofne. Waan hojjachaa ture garuu guuttumaa guututtis ta’u baatu hanga tokko nan beeka. Gochaan waan jechoota caalaa dubbatuuf.

Kanarraa ka’uun Obbo Baaroon akka ati keesse oso hinta’in akkan ani beekuutti seenaa qabsoo Oromoo keessatti nama wal-falmisiisadha (controversial person) jechuudha. Maalif akkas ta’e? Namni kuni Oromoof hinqabsoofnee? Hinqabsoofne jedhee hinmormu. Akkuma atuu jette jaarmolii adda addaa ijaaree sochoo’u saa biyyatu beeka.

Dhimma amma kaaneef ICAT tuquun niga’a. Obbo Baaroon Jaarmota shanan EMALEDH utuban keessaa tokko kan ture ICAT ijaaree dargii jalatti gurmaaun nibeekkama. Xalayaa ati tuqxe malees xalayoota akka “,Warraaqsaa”, “Bakkalchaa” fii kan biroollee kan hanga tokko waayee Oromoorratti xiyyeeffatan baasaa (baasisaa) akka tures mirkana. (hanga tokko wantin jedheef akka mootummaa Dargii hinmuufachiifnetti waan barreeffamaa turaniifi). Xalayoonni kuni xalayaa MEISON “ Ye Seffiw Hizb Dimtsi” jeduun ijjannoon saanii garaa garummaa hiqaban ture.

Yaata’utii ICAT s MEISON s ijoolle Oromoo hanga tokko hawwatanii akka turan haaluun hindanda’amu. Jaarmoliin kuni lamaan daangaan saanii walii hinbeekamu ture. Oromoonni ICAT keessa turan MEISON ta’u wanti isaan dhoorku hinturre. Karaa biraatin Oromoonni jaarmoliin kuni Dargii jalatti hojjachuu saanii hinfudhatin garee mataa saanii ijaaranii xalayoota mataa saanii baasuu jalqabani akka turanis nibeekkama.

Fakkeenyaf gareen Bilisummaa xalayaa “Bilisummaa” fii “Mukukkula” jedhaman kan baasaa turan yoo ta’u gareen Oromiyaa jedhamu ammoo xalayaa “Oromiyaa”jedhu baasaa turuu saani namoonni gareelee sana keessa turan har’a lubbuun waan jiraniif ragaa bahuu danda’u. Garuu waayeen gareewwan kanaa seenaa qabsoo Oromoo keessatti yoo ka’u hinmul’atu. Maaliif laata?

Gareewwan kuni lamaan garee ICAT fi MEISON n itti duulamee hinjifatamani. Hooggantoonni saanii ni ajjeefamani. Kuuwwan waggoota dheeraa mana hidhaa dargii keessatti qaamaf sammuun laamsha’anii hafani. Injifatamaan seenaa qabaaree? Enyutu seenneessaafi? Dubbiin akkuma seenaa adamsaaf leencaa sana ta’u shaati.
Jarreen kana kan qabsiisan, mana hidhaatti bira taa’un hanga qaamni saanii irraa ciccitutti dararsiisaa kan turan miseensota ICATfi MEISON akka turan waan ifatti beekkamuufi gaaf tokko seenan ifa baasa jedheen abdadha. Kana erga raawwatani booda garee Bilissummaatin OPDO EPRP ittin jechuun seenaa xureessutti bobba’ani. Garee Oromiyaatin waan jedhan hinbeeku.

Dhugaan millan deemu garuu EPRPn bara san hafee har’ayyuu waayee Oromoof Oromiyaa xalayaan baasuun hafee jeraachuu saanitu hin amanu. Gara boodatti ragaa kana ilaalltun tuqa. OPDO ummaan alchaa kamiinu filannoo gaarii miti malee yero sana OPDO Dargii ta’urra kan EPRP ta’u hiwayyu laata? Jeneraal Taaddasaa Biruufi Koroneel Hayilu Raggaasaa kan qale Dargiidha. Maanguddoota gameeyyi bu’uressitoota Wlda’a Maccaaf Tuulamaa kan turan kan akka Qanyaazmaach Mulu Hasanu, Dajjazmaach Kabbadaa Bizunesha, Obbo Zawuga Boji’aa fii kkf kan lafarraa dhabamsiise Dargiidha. Sbboontota Oromoo 300 ol ta’an miseensota ABOti jedhee waggaa kurna tokko ol hidhee dararaa kan ture Dargiidha.Qtee bulaa Oromoo meeshaa hiikkachiisee Nafxanyoota hidhachiisaa kan ture Dargiidha. Erga waraana Somaalee injifatee booda WBOn lootee galtuu jechuun itti duulee kan facaase Dargiidha.Yakka akkasii tarreessuuf iddoon waan hingeenyf asirratti dhaabee jarri kuni dargii ummata Oromoorratti kana raawwachaa ture wajjin hojjechaa mooraalii kamiin garee kaan OPDO abaluut jidhani moggaasuun du’a itti murteessan? Murtee saa seenadhaafan dhiisa.

Gareen hooggana ICAT gaheen ijaarsa ABO keessatti qabaachaa ture ifaa ta’u baatus Obbo Baaroofi namoonni gara boodatti maqaa saanii tuqu akka keessa turaniif miseensa hoogganaa akka turan dhksaa hinturre. Hoogganni jalqabaa Jeneraal Taaddasaa Birruu fii isa boodas Jaal Magarsaa Barii faa yero adda addaa miseensota hooggantootaa hedduu waliin yoo wareegaman Obbo Baaroonifii namoonni boodarra tuqu kuni Dargii wajjin hojjachaa turani. Dargiin akka namoonni kuni waan kana keessaa harka qaban dhuguma walaaleti moo namoonni kuni achi keessa taa’ani badii kana dalagaa Dargii tajaajilaa turan?gaafin jedhu oso hindeebin jira. Namni gara fuulduraa seenaa QBO barreessuuf ka’u kana gadi fageenyan qoratee barreessuu nidirqama jedheen amana.

Kana booda kan hafan Obbo Baaroofi namoota hanga har’aatti hooggana ABO irratti waljijjiraa turaniidha. Kan bahan laga tokkoo’i. Jarri kuni sochii gareelee Oromoo hedduu erga qulqulleessanii dhabamsiisanii booda Dargiin isaanittu garagale. “Qanyi mangadanyaa”jechuun MEISON iini walitti qabee miseensota saanii haxaa’utti gaafa ka’u Obbo Baaroon baqatee Harargee dhaquun WBO tti makame. WBO n kan ijaarrame Elemoo Qilxuu, Mullis AbbaaGadaa fii Jaarraa Abbaa Gadaatin. Yeroo Obbo Baaroon itti makamu hooggantoonni lamaan wareegamanii WBO Jaarratu hoogganaa ture. Sana dura Jaarraa Abbaa Gadaa waayee sochii Shaggar keessatti taasifamaa turee dhagayee bosonaa qaaman dhaquun Obbo Baaroofi Leencoo akka itti makaman kadhatee akka turefii jarri lachanuu “haalli keessa jirru kan qabsoo hidhannoo barbaachisu miti” jechuun hamilee cabsanii akka deebisan seenaa du’a Jaarraa gubaatti irra deddeebi’amee himamaa turedha. Garee sana keessaa namni tokkichi Jaarraa waliin kutatee bahee Badhoo Dachaasaa (maqaa bosonaatin Dammaqsaa) akka tures haalan ibsamee jira.

Obbo Baaroon kan yeroo kadhatamu dide gaafa Dargiin itti garagalu amanee yaa ta’u lubbuu of baraaruuf baqatee daanno WBO tti koluu galee. Haata’uuti kabajaadhan simatamee hooggannumaan laatameefi himaltuuf biyya alaatti akka bobba’u murtaa’ee sochoo’uf qophiirra oso jiranuu Leencoof obboleessi isaa Abaacaalaa Lataa dhaqanii itti makamani. Kana sababeeffachuun sa’aatii muraasa achi gahuu saanii booda walgayiin hoogganootaa taasifamee xumuramee akkuma ka’anii addaan bahaniin kan walbiratti hafan Obbo Baaroo, Badhoo, leencoo fii Abbaacaalaa akka turan himama. Jarri kunis haasa’a keessa wal aarsanii Badhoon dhukaasee Obbo Baaroo madeessee jedhu warri bira turan. Badhoonis eenyun akka rukatame arguu baatanis miilli isaa rukutamee jennaan akka of ajjeese namoonni achi turan ragaa bahu. Obbo Baaroonis lubbuun waan hinbayiniif mana yaalatiin yoo deeman karaatti akka boqote kabajaa boqqonnaa Jaarraa gubbaatti ragaaleen qulqulleessanii seenessanii jiru. Ati garuu har’a kaatee Obbo Baaroo akka waan diinni ajjeesetti nutti himuuf uggite. Akka Amaarri “leqabariwu aradut” jedhu sana ta’u saati.

Kana malees Obbo Baaroof Badhoon ji’oota hedduuf yaadan akka wal falmaa turaniif wanti irratti wal falman san akka hinbeekne seenessoonni kuni dubbachaa turani. Egaa haala kanarraa wanti hubatamuu danda’u jari lamaan gaafa du’a Baaroof Badhoo dhaqanii itti makaman suni summii haarawa fidanii walfalmii Obbo Baaroof Badhoo jidduu ture sana irratti dabaluun akka ajjeechaa sana maddisiisan mul’isa.
. Jarreen waan kana huumanis baqatanii Jabuutitti bahuun olola sobaa oofanii jaarmicha akka iddoo lamatti gargarbahu taasisani. Shororkaa huummameen qabsaa’otiin addaan qoodamuun meeshaa walitti garagalfatani. Akka kanaan ABIO(IFLO) fii WBO jechuun waraana lafarraa oldhabamsiisuu keessa galanii gar lachanirraa’u ilmaan Oromoo 10,000 caalan akka wareegaman namoonni milkaa’anii irraa hafan har’as ragaa bahu.

Kuni kan madde dogoggora adeemsa jara kanaa keessa ture irraayi. Obbo Baaroon QBO tii bu’aa hanga tokko buusuun isaa akkuma jirutti ta’ee dheebuu aangoof qaburraa (power obsession) ka’ee nama isa caalu Oromoo keessatti arguuf nama obsa hinqabne akka ture agarsiisa. Kanaaf harki saa wareegama hooggantoota QBO Oromoo hunda keessa akka ture amanama. Gochaa saa kana lamaan wal bira qabanii madaaluu ummata Oromoofan dhiisa.

Akka ati jettetti hooggantoonni yeroo sanii seenaa Obbo Baaroo ibsuu kan dadhaban dhibaahanii miti rakkoowwan olitti ibsuu yaalee kanneen irraa ka’aniiti. Haqatuu qoonqotti rakkatte. Akka kee kana ija dunuufkatanii akka hinfaarsine namoonni seenaa xuraa’a sana beekan waan lubbuun jiraniif akka dura hindhaabbannef gochaan saanis kana keessa akka hinsaaxilamne sodaatani. “Sareen hudduurra madaa qabdu akka garaa shii hinduttu” jedhuu miti. Daba ture liqmsanii dhugaa jiru akka hinbaafne isaanis harka keessaa qabuu rakkatani. Kanaaf hanga namni beeku dhumee warri waan kana hinbeekne dhufutti seenicha hukkaamsanii maqaan isaa wareegamtoota Oromoo waliin akka galmaa’u taasisanii yeroo eeggatu. Ati ammoo naajjummaan kaatee itti seente. “Fools rush where Angels fear”jedhu faranjoonni.

Seenan Obbo Baaroo xiqqoos taatu nihimamti. Seena Badhoo garuu wajjumaan awwaalame. Dhugaan irratti balaan suni hummames waggoota kana huunda ummata Oromoof iccitii guddaa ta’ee hafe. Akkuma Badhoon ajjeeseyyu Jaarraan bara caartaraa sana jaarsoliitti afuura baafachuun ala namni dubbate hinjiru ture. Sunis Jaarratu ajjeesee jedhamee Leencoo fa’aan ololamee waan tureef Jaarran of qulqulleessuuf jaarsolii araarraf dhqanitti iccitii kana baase. Kan ifatti dubbatame garuu bara darbe boqochuu Jaarraa sababeeffachuun akka ta’e midiyaalee oggas darbanirraa baruun nidanda’ama. Jaarra yoo lubbuun jiru sabboontonni Oromoo waliin haasa’uf carraa argatani turan waan kana gaafatanii turani. Deebiin inni nuu keenne garuu waan nama diqisiisusi waan nama gaddisiisusi jedhan. “Ani akkan Baaroo hinajjeesin Leencoon xalayaa mallatteessee naa keennee jiraa, waan biraa hinbeekuu” jedhe jedhani.

Leencoon xalayaa qulqulleessaa kennuun maalirraa madda? Mana murtiiti moo abbaa alangaati kan xalayaa qulqulleessaa kennu? Waan kanarratti dhoksaan xalayaa qulqulleessaa Jaarraf kennuu oso hinta’in ummata Oromoo ilmaan saa balaa sana keessatti dhabaniif kan ifa baasuun irra ture namoota kallattiin walajjeechaa sana irra turaniif harkas keessaa qaban obboleeyyan lamaan hinturree? Maaliif wanti kuni akka hukkaammmammu barbaadani? Beekan kana qorattee ifa baasuun sirraa eeggamma. Kuni ifa bahu malee seenaa Obbo Baaroo hanguma feeteyyuu jechoota babbareedaan kuultee dhiyeessitus Oromoo hinhawwatu.

Mata duree kee “Mullata Karaatti Hafe” jedhu ani hinfudhu. Dursee mullanni Baaroo maal akka ta’e ibsamuu qaba. Mullata kam raawwachurratti akka wareegamees ragaa qabatamaan mirkanaa’uu qaba. Badhoo wajjin maalirratti akka walfalmaa ture ifa bahuu qaba. Badhoo moo Baarootu kaayyoo gane kan jedhus namoota lubbuun jiranirraa qoratamee beekkamuu qaba. Beektonnii fii hayyoonni Addunyaarraa darbuu Jaarraa irratti ibsa kennan hundi kan dubbatan Baaroo Jaarraan hinajjeefne kan ajjeese Badhoodha jedhanii yoo ragaa bahan ajjeechaan suni maalirraa akka madde hindubbanne. Kanarraa wanti baruun danda’amu oto balleessan suni kan Badhoo turee eenyumtuu dubbachurraa of hinqusatu ture. Badhoon nama seenaa QBO keessaa haqame waan ta’eef. Obbo Baaroon hanga seenan suni jalqabumarraa kaasee qoratamee ifa hinbaaneetti seenaa QBO keessatti seenaan isaa walfalmisiisadha kanan jedheef kanaafi. Seenan suni Obbo Baaroo qofaa oso hinta’in namoota har’a Itoopiyaa keessatti Demokraasii ijaarra jedhanii ummata Oromoo afanfaajjessaa jiraniifis caba gudaadha. Kanaaf hukkaamsanii irra taa’u.

Kan biraa:

1-lakkoofsa baraa barruu kee keessatti ittin dhimma baate gariin kan faranjii yoo ta’an gariin ammoo kan Gi’iziti. Kunis waan dubbistoota kee afanfaajjessuuf sirreeffadhu.

2- Haadhawarraa Obbo Baaroo Addee Warqineshi Bultoo ajjeesuu keetif dogoggora guddaa huumtee dhiifama gaafadu. Dubartiin kuni iddoo jiran beekuu baadhus du’anii saanii hanga har’aatti hindhageenye. Bara 1991-92 keessa Finfinneeti waajjira ABO tti akka mullachaa turan qubanqaba. Kan Ertiraatti loltoota Dargiin ajjeefaman obboleessa saanii Jeneraal Dammisee Bultooti malee Aadde Warqineshii miti.

Egaa yoo seenaa Obbo Baaroo barreessuuf kaatu ragaan jalqaba irraa ka’uun sirra ture maatii saani keessattuu haadha warraa issaanirraa ture. Ati garuu waayee maatii saanii lubbuun jiraniif darbanii waan tokko oso hinbeekin du’an jettee seenaa nama wggaa 39 dura du’ee nuu seenessuuf kaate. Seenan kee kanaaf nama san ibsuu dadhabe.Akka qormaata homaa hinadeemsisins kan si saaxilu kana.

Waayee “duula guddina waliinii”maqaa Baaroof fudhatama argate jette. Duula kana garuu barattoonni biyyaatti kutaa 10 ol jiran hundii kan irratti hirmaatani malee kan barattoota Oromoo qofaa hinturre. Wanti si dinqu duula sana kan jalqaba balaaleffatan keessaa barattoonni Oromoo University Finfinnee adda durummaan hiriiru. Barattoonni suni duula san kan balaaleffatan gaafiwwan jireenya Ummata Oromoo ilaalan 10 ol ta’an gaafatanii gaafiwwan suni deebii quubsaa argatan malee akka hinduulleefiI warra kanarra tarkaanfatani maqaa duulatiin Oromiyaa keessatti bobba’an akka ofirraa ittisan ibsa ijjannoo xalayaan baasanii magaalaa keessa facaasaniin ifa taasisan. Gaafiwwan kaasan keessaa “lafti kan qotee bulaa yaata’u, ummanni keenya afaan saatin yaa baratu, miidiyaan Afaan Oromoo yaasaaqqamuu” kan jedhanfii k.k.f.of keessaa akka qabu nan yaadadha. Xalayaan suni itti gaafatamaa tika Dargii kanture Takkaa Tullu harka galee Mangistuutti waan dhiyaateef raadiyoon afaan Oromoo hatattamaan akka banamu ajaja dabarsuu saatu odeeffamaa ture. Reediyoonis achumaan banamee hojii jalqabe.

Ijoollee Oromoo biratti duulichi fudhatama kan argate ammoo ajaja Baarootin oso hinta’in erga labsiin lafaa bayee booda qotee bulaan Oromoo guutummaatti ciisanyaa nafxanyootaa ture waan lafa argateef qotee bulaa kana deggeruuf barsiisun abbooti lafaa(nafxanyoota) barbadeessuuf ummata saanitti birmatani.Kana keessaa Baaroon qooda maal akka qabu ani ifa naa hintaane.Waayee afaanii kaaftee Baaroon Hayilee Fidaa wajjin hedduu afaan Oromoorratti akka hojjate ibsuu yaalteetta. Hayilee Fidaa “Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo” kan barreesse Awuroopaa taaeti. Baaroon ammoo yeroo sana biyya keessa ture. Egaa akkmitti akka waliin hojjatan situ beeka. Bara darbe kan biyya alaa kanatti yaadannoo barreeffama kitaaba sanii yeroo taasifamu maqaa Hiylee Fidaa malee maqaan Baaroo waan hinka’iniif jarri yaadannoo sana qopheessan suni amma kee kana seenaa sana hinbeekanii laata gaafii jedhu natti hore.

 

Kanaan walqabatees waayee “Bariisaa” kaaftee bahuun gaazexaa sanaa akka waan injiffannoo guddaatti dhiyeesste. Isaanis akkasumatti ololaa turani. Garuu Oromoon oso irraa hinfudhatin hafe. Wanti Oromoodhaa buuse yoo jeraate arraba qofaadha. Ijoolleen uraagee yeroo sana gaazexaa gurgurtu “yegaallaa gaazexaa” ittin jettee gurguruu didde rakkatanii akka turan beekkamaadha. Kana irra aanuuf Leencoon akka namni hinbeekne gonfoo mataatti diratee iddoo walgayiitti gaazexitti gurguraa akka ture waan ijaan argineedha.

Karaa biraa yeroo sana “Bariisan” qubee Saabatiin barreeffamuu balaaleffatanii gareen Bilisummaa xalayaa tokko maxxansanii akka facaasan nan yaadadadha. Kana faa EPRP tu hojjate yoo jedhan nama ofitti kofalchiisuun ala bu’aa siyaasaa hin argatu natti hinfakaatu. Qabxiiwwan gareen suni qubee Saabaa akka affaan oroomoof mijataa hintaane tuqe keessaa kanan yaadadhu-jechoota afaan Oromoo laafaniif jabaatan, kan dheerataniif gabaabbatan ibsuu hindanda’u, baayyina sarraa kan ka’e ijoolleef qayyabachuuf yeroo dheeraa fudhataa, teeknolojii ammayyaaf rakkisaadhaa fii k.k.f tuquun akka ture nibeekkama.

Gara mul’ata Baarootti yoo deebinu mul’anni issaa akka ati jettutti du’a saatin karaatti hinhafne. Mul’anni suni hanga har’aa hordoftoota Baarootin irrumatti hojjatamaa jira. Gaafa du’a saatii kaasee hanga amma ifa of baasanitti wanti Leencoofaan hojjachaa turan mul’ata Baaroo waliin karooran fiixan baasuudha. Mul’anni Leencoon akka haara’atti bara darbe kanaa kaasee lallabaa jiru kuni mul’ata Baaroo barasii akka ta’e shakkii maleen sii ibsa. Duraan dursee Baaroof Leencoon bifa lamaan saantima tokkorra jiraniiti. Kan du’a Baaroo dhalches mul’ata saanii Oromiyaa bilisoomsuu oso hinta’in dhaaba keessa taa’anii aangoo Impaayaratti qabachuuf harka lafa jalaan hojjachuu saaniti. Kuni egaa ibsa Leencoon yoo ODF ijaaruu kenne keessatti sirriin ka’ame. Akkas jedha “nuti takkaa bilisummaa Oromoo gaafannee hinbeeknu, gaafa ABO bu’uressinus Oromiyaa bilisoomsina waan jedhu yaadnee hinbeeknu, Ji’ograafirraa dhimma hinqabnu” jedhee kan dubbate haaluun hindanda’amu.

Ilmaan Oromoo kumoota kurna hedduu manaa baasanii erga ficcisiisanii booda qaanii malee ummata Oromoo fuuldura dhaabbatanii gaafuma manaa baanuu kaayyoon keenya Bilisummaa miti yoo jedhan nama isaan hinbeekneetti fakkaata malee mul’ata haar’a miti. Itti aanan Leencoo Diimaa naga’o bara ABOn ijaarramu hiriyoonni saa ilmaan nafxanyootaa “silaa wajjin jirraa maal taatani kana keessa seentan?” jedhanii gaafannaan “nuti kaayyoo kanatti amannee oso hinta’in keessa seenne akka gara tokkummaatti deebi’an irratti hojjachuufi malee dubbichi balaa biyya diigu waan fiduu danda’uf sana hambisuuf itti seene” jedhee waadaa nuu galee ture jedhani saaxilaa turani.

Egaa mul’anni Baaroos kanuma ture. Impaayara dulloomtuu suphanii ummata Oromoorra dhaabbatani aangoo qabachuu. Kanaafuu Leencoon faa waggoota afurtama darbeef ABO keessatti sadarkaa hooggana adda addaa qabachuun akkuma Diiman jedhe jedhan jaarmicha keessaa nyaachaa laamshessaa kan turan kennata Baaroo sana eeguuf akka ture shakkiin hinjiru. Kana mirkana kan taasisu haguuggi ittin sabbontotaaf ummata Oromoo mooksaa turan ofirraa mulqanii ADO kan adeemsan gara ADE tti of jijjiiru ijaaranii kaayyoon keenya ganamas kanuma jechuun biyyatti galuuf wuyyaane walin koontiraata walii mallatteessuun saanii waan waggaa afurtama darbe sodaa sabbontotaatin keessatti ukkaamamee ture kan ifa baaseedh.

Jarri kuni kanarra gahuuf dhaloot WBO sadii lafarraa akka dhabamu taasisani.

1- Bara 1978 balaa du’a Baarootin walqabatee shororkaa umaniin akkuman olitti tuqettii dhaloonni jalqabaa WBO iddo lamatti qoodamee lafarraa wal duguuge.
2- Bara 1992 WBO loltuu 20,000 ol ta’u hidhannoo hiikkachiisani harkaaf miila hidhanii wuyyaaneef laatanii isaan doolaara shaanxaa saanitti naqatanii biraa sokkani.Garii wuyyaaneen fixxee garii bineensi nyaate.
3- Bara 2008 gaffa Kamaal Galchuu jaarmiyaa keessaa akka ganu taasisan shororkaa huumaniin waraana hafte diiganii garii wuyyaanetti akka galu yoo taasisan gariin bosonati dhume. Badii kanaaf eenyutu itti gaafatama? Murtee saa ummata Oromoofan dhiisa.

Yoon goolabu akka nama waan hedduu keessa darbeetti akka nama lafarra sicaalaa jiraadhetti gorsa xiqqoon siifii hiriyoota kee dhaloota haar’a kanaa dhaama. Beekan atiif dhaloonni kee hojii guddatu isin eeggata. Of duubatti garagaltanii cubbuu, gidiraa, daba,dogoggora dhaloonni koo hojjate keesatti of hinlaaqinaa. Garuu gadi fageenyan qoradhaato irraa braa. Of sirreessuuf isin gargaaraa. Gochaan darbe suni kaansarii qabsoo bilisummaa Oromoo ta’e summi lagummaan qabsaa’ota faaluun qaama qabsichaa nyaachuun kan laamshessee sabicha qaanii jalatti hambisee nurree akka gabrummaa isin dhaalchifnee dabarru nutaasiseedha. Kanaafuu dhaloonni kee kuni ammoo sana keessa seenee oso summii kanaan of hin laaqin Oromummaa qofaarratti hundooftanii akka walqabattani ijoollee keessan biyyaa bilisoomte dhaalchiftan adaraan koo cimaadha.

Seenaa barreessunis yakka hinqabu, garuu seenan barreessinu suni abalu namalaga kootiti abalu ammoo dhalataa laga gamaati madaalli jedhuun ta’u hinqabu. Seenan barraa’u suni ilaalcha Oromummaarratti hundoofnee waan dalagame maraa yaraas gaaris, miidhagaas fokkuus ,kan laga keenyaas kan laga gamaas ifa baafnee barreesuutu nurraa eegama. Abbaa seenessuufis abbaa seenatiifis kan kabajaa argamsiisuu danda’u seenaa akkasiiti.

Jeha mata duree kootii ibsee xumuruuf mul’anni Baaroo kan du’a saatin karaatti hafe oso hinta’in hanga har’aatti kan hordoftoota saatin (his disciples)n irratti hojjatamaa jiru ta’uyyuu waan yeroo hedduu yaalamee fashaleedha. Empaayera dulloomtuu suphanii tiksuun fedhii ummata Oromoo waan hintaaneef mul’ata yoomiyyuu galii gahuu miti. Kanaaf ani “mul’ata gatate” jedheen ilaala.

Galatoomii !!!

Oromiyaan nibilisoomtii !!!
Diinni QBO danquuf sochootu nibaddi !!!

----- 

Mul’ata Karaatti Hafe! (Seenaa Gooticha Oromoo Baaroo Tumsaa)

Beekan Guluma Erena irraa*

 

Jaarraan amma keessa jirru jaarraa qalama malee seenaa dhiigaan itti barreessanidha. Sababnisaas seenaan dhiigaan barreeffame ija waan godhatuufi. Arrabni qoraattiifi sammuu joonja’aan jaarraa 21ffaa keessatti bakka hinqaban. Sababnisaas dubbii hadhaayaa afaanii waan nama baasaniif. Warreen abashaa impaayera nuti jiraannu keessatti jaarraa tokkoo oliif seenaa Kuushiin akka hinjirre godhanii balleessuudhaan madaa hinfayyine nurratti uumaniiru.

Seenaa isaanii malee kan warra seenaan isaanii Seemeetik hinta’iinii hedduu burjaajessaniiru. Keessumaayyuu Oromoo jiraataa biyya Itiyoophiyaa ta’uusaa utma beekanii, alaa galee, amantiifi biyya hinqabu jedhanii eenyummaa isaatti akkanni qaanawu taasisaa turaniiru. Har’as taanaan ilmaansaanii jijjiirama sammuu fiduu dadhabuudhaan dhimmi Itiyoophiyaa isaan malee Oromoo akka hinilaallanne godhanii qaanii tokko malee odeessu. Seenaan Itiyoophiyaa seenaa Kuushiifi seenaa Oromoo akka ta’etti tasa hin amanan.

Seenaan Nafxanyootaa bara Minilikii, bara Hayilesillaaseefi Dargii guyyaa guyyaaatti rakkina uumaa jiru; nutu caalaa Nafxanyootaati malee maalummaafi seenaa Oromoo wajjin waan wal qabate miti. Har’as taanaan hololli nutu caalaa yookiin Nafxanyoonni kun egaa har’a kan isaan barbaadan Itiyoophiyaa barbaadan dhaabbachuudha. Jarreen kun egaa Oromoos ta’e uummata kibbaa qabeenya isaanii malee isaaniin hinbarbaadan. Shirri Nafxanyootaa kana qooqa ittiin ibsinutu nurakkisa. Yeroo Oromoon cunqursamee lafti isaa irraa fudhatamee aadaansaa wanjoo jala gale, akkasumas seenaa sobaa irratti fe’ame jalaa bilisa ba’uuf ofiikootiinan ofbulcha jedhee yeroonni ka’u, ‘Gaallaan maalta’eetu’ jedhanii arrabsoon mogolee isa buusu.

Biyya bulchuun nuuf kenname isinimmoo nujalatti bitamuudha; carraan keessani jechuun Waaqa wajjin walloluudha jechuun akka waan Oromoon Waaqa malee uumameetti soba guyyaa saafaa amantii isaaniin da’ate sanaan sammuu nu hadoochaa turaniiru. Itiyoopiyaan qomoo kanaan haabitamtuun seera Waaqarraa dhufe utuu ta’ee nutis warri lafattiirra jiraannu beekuu qabna turre. Kanaafuu jarreen warra nutu caalaa kanaaf goonkumaa hinmijatu. Ummanni bittaa kana jala jiru cunqursamuusaa akkanni hin hubanne gochuudhaan biyya, aadaafi afaan boonsaa utuu qabuu mataa buusee jiraachuusaa ilaalee dhalooti hincallisne hindhibamu. Ammas ta’e durattis qabsoo eenyummaa Oromootiif goototni qabsaa’an lakkoofsi bira hinga’u.

Haaluma wal fakkaatuun uummata Oromoofi sab lammoota Itiyoophiyaa keessa jiraatan irra cunqursaa qaqqabu ilaaluu jibbuudhaan bittootaafi miiltoosaanii wajjin wal falmuudhaan saba isaaniif jedhanii kan wareegaman hedduudha. Barreefamni kun seenaa nama uummatasaa cunqursaafi bittaa jalaa baasuuf dhimmaa ture garuu waa’een isaa hedduu hindhagayamin irratti xiyyeefata. Namni kunis Baaaroo Tumsaa jedhamuun beekama. Innis seenaasaafi seenaa uummata balla’aa Oromoo dhiiga isaatiin katabee darbe. Baaroo Tumsaa bara 1942 lixa Oromiyaa godina Wallaga lixaa naannoo Gimbii ganda Karkarroo jedhamtu keessatti abbaasaa Obbo Tumsaa silgaafi harmeesaa Aadde Naasisee Ciratoo jedhaman irraa dhalate.

Abbaan isaafi harmeen isaa walitti aansuun du’aan irraa adda baanaan Baaroon obboloota isaa lamaan Raaheelfi Nagaasaa Tumsaa wajjin mana duwwaa keessatti hafe. Yeroo sanatti obboleessi isaa Obbo Guddinaa Tumsaa hojiidhaan magaalaa Naqamtee keessa jiraachaa waan turaniif, qophummaa obboleessa isaanii jibbuudhaan dhaqanii bakka jiraatan magaalaa Naqamteetti gatiittiitti baatanii isa fidan. Baaroon barumsa isaa sadarkaa tokkoffaafi 2ffaa achuma magaalaa Naqamteetti erga xumuree booda, barumsasaa sadarkaa olaanaammoo Kolleejjii Waldaa Makaane Yesuus Bishooftuutti argamurraa xumure.

Itti aansuudhaan Yuunivarsiitii Haayile Sillaasee 1ffaa jedhamuun beekamurraa barnoota Faarmaasiistiin digirii jalqabaa bara 1966tti fudhate. Itti fuufuudhaan utuu hinturiin Yunivarsiitichumarraa seeraan digiriisaa jaaalqabaa fudhate. Baaroon egaa turtiisaa Yunivarsiitii keessatti barattoota jijjiirama barbaadanii wajjin waliigaluudhaan sochii cimaa taasisaa ture. Barattoota kutannoodhaan saba isaaniif qabsaa’aa turanis sadarkaa garaagaraatti ijaaraa ture.  Ijoolleen Oromoo muummee barnoota addaa addaarrtti ramadamtee akka biyyaasheef hojjechuu qabduttillee gurmeessaa ture. Bara 1964-1965 Waldaa Yunivarsiitii Kolleejjii Finfinnee irratti pireezedaantii ta’uudhaan hojjete. Bara 1966 immoo Waldaa Waliigaltee Yunivarsiitii Finfinneerratti barreessaa ta’uudhan hojetaa ture.

Baroota kana keessatti baay’inni barattoota Oromoo Yuunivarsiitii keessatti haaxiqatu iyyuu malee, arruma jiran kanaa wajjin wal arguudhaan mirga uummata Oromoo kabachiisuurratti maree taasisaa tureera. Wal’aansoon barattoota Yunivarsiitiin jalqabame kun utuu hinturiin ifatti ba’uudhaan namoota hedduu sochooseera. Sochiin kunis kana qofaaf utuu hintaane, uummanni Oromoo akka inni mirgasaaf falmatuuf karaa baaseera. Baaroon itti fufuudhaan namoota paarlaamaa keessa hojjetanii wajjin wal argee mariyachuun warra akka Maammoo Mazammirfaa wajjin ta’uun Waldaa Walgargaarsa Maccaafi Tuulamaa keessatti mormii fiyuudalizimii baadiyyaa keessattis baballisuun sochii mormii bara 1966 keessa turerratti haala mijeessuun shoora olaanaa taphatera.

Finfinneefi magaalota kanbiroo keessatti yaada ‘Lafti Qoteebulaaf’ jedhu irratti dargaggoota hedduu gurmeessuudhaan bittaan warra Nafxanyootaa akka gabaabbatu taasisuuratti gumaacha guddaa taasiseera. Wallaansoon bara 1966 ka’e kun duula guddina waliin jedhu uumee keessumaayyuu naannoo Oromiyaa keessatti fudhatama argateera. Fudhatama argachuusaatiif sababnisaa Baaroo Tumsaa ture. Goota humna dargaggootaa ijaaruun sirna Nafxanyootaa barbadeessuuf kutatee ka’e.

Jijjiiramni inni fides Oromoo qofaaf utuu hinta’iin, bittaa warra abbaa lafaa jala turan hundaaf akka ta’e seenaan ni dhugoomsa. Baaroon bara 1966 barnootasaa erga xumuree booda biiroo eegumsa fayyaatti miindefamee hojjechuu jalqabe. Waajjira kana keessa amma turetti loogii bara dheeraaf  ana hojii sana keessaa ture qorachuudhaan qajeelfama ture sana jijjiiree namoota hedduudhaaf bu’aa ta’eera. Sobdootaafi warreen malaamaltummaadhaan jiraatanis qaanessaa tureera.

Haalli Baaroofi garee hojjetootaa kanaa namootni itti hintolin Baaroo hojiirraa ariyaniiru. Miindaasaarra ariyatamuun cinatti akka shororkeessituu addaatti fudhatamee tureera.  Haata’u malee dabni irratti raawwate kun Baaroon wallaansoosaatti akkanni cimu isa taasise malee dugda duubatti isa hindeebifne. Yeroo mara mootummaan bara sanaa Oromoorrti miidhaa dhoksaa waan taasisuuf, akka sabni Oromoo walitti dhufanii mariyatan waan hinbarbadneef Waldaan Maccaafi Tuulamaa akka cufamu taasisaniiru. Kun kan isa gaddisiise Baaroon ummanni Oromoo bakka maree akka hindhabneef ‘Waldaa Dhaaba Dhidheessaa’ jedhu uume. Mul’anni Baaroo keessaa finiinaa ture sun boqonnaa waan isaaf hinlaanneefiif yoo isaan karaa tokko cufan inni ammoo karaa biraan mala dhaha malee sodaachisiifamuu abashaa kanaaf goota hinjilbeenfanne ture.  Faayidaalee yeroo qabsoo bilisummaa Oromoof jedhee dhabes homaa tokkottuu hinlakkoofne.

Baaroo Tumsaa sochii hedduu taasise cinatti bara 1964 Aadde Warqinash Bultoo wajjin bultii  ijaarrate. Aadde Warqinash Bultoo obboleettii Jeneraal Demisee Bultoo yommuu ta’an, abbaan isaanii Obbo Bultoo Ejersaammoo Waldaa Maccaafi Tuulamaa keessatti miseensa turani. Cidhi Baaroo Tumsaa Oromoota sadarkaa hojii adda addaarra bakka adda addaarra jiran hundaa biratti haala ho’aadhaan waan kabajameef diina biratti akka sochii siyaasaatti fudhatamee isaan sodaachisaa ture. Dargaggeessi lammiisaatiif akka guddaatti inaaffaa garbummaa hunkuteessuuf qabatee ka’e kun tarkaanfii diinaa kan itti caalchisaa deemeefi akka malee sodaachisee gara isa dhabamsiisuuf ka’ame sochii bara 1966 ka’e akkanni karaattti hafuuf gumaacha taasisera. Amma ammaatti saba Oromoo hedduu biratti akka gaariitti kan dubbifamuufi jaallatamu (The Oromo Voice Against Tyranny Document 1971) kan jedhu garee hojjetootasaa wajjin namoota hedduu bira akka ga’u taasiseera.

Barreeffamni kun gara afaan Amaaraattillee hiikamee dubbifamaa ture. Kan inni barruu kana raabsaa tureefimmoo waan Waldaan Maccaafi Tuulamaa cufameef Oromoota jajjabeessuuf qofaa utuu hintaane, baroota dheeraadhaaf cunqursaafi dabaa saba Oromoorra ga’aa ture barruun kun ofkeessatti waan qabattee jirtuufidha. Dararfamaafi cunqursaa tureef jiru saba  Oromoo ittiin bariisuuf jedheetu. Baaroon bara 1972 tti Afaan Oromoo akka qubee laatiiniin barreeffamuuf Hayilee Fidaa wajjin qo’atee yeroodhaaf gaazeexaan ‘Bariisaa’ jedhamu qubee saabaatiin akka maxxanfamu taasisaniiru. Garuu utuu hinturiin mootummaan dargii itti inaafuudhaan fuudhee ministeera beeksisaa jala galche.

Har’a gaazeexaan Bariisaa faayidaa siyaasaatiif jedhamee kan qophaawu malee faayidaa eenyummaa saba Oromootiif jedhee miti. Baay’inaan waa’ee eenyummaa Oromoo irrattis kan hojjetaa jiru miti.  Maqaa kana qabatee gaazexaan bahaa jiru garuu ammayyuu biyya Oromiyaa keessa jira. Qubee Afaan Oromoo har’a sabni Oromoo itti fayyadamu Baaroo Tumsaafi Hayilee Fidaafaatu bara lubbuun jiran qopheessani. Bara 1973 qabsoon Oromoo akka inni sadarkaa olaanaarra ga’uuf kaayyoo balla’aa baasuudhaan wiirtuu Qaama Qindoominaa yookaan  ‘Central Coordinating Body’ dhaaba jedhu hundeesseera. Kunis immoo turee dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo jedhutti jijjiirameera.

Bara 1974 daba mootummaan Hayile Sillaaseefi jaleensaa uummaatarratti geessisaa turan qaamni qoratu hundaa’e.  Kana keessattis Baaroon miseensa ta’ee akka hojjetu erga taasifameen booda namoota Oromoo hinta’iniin rakkoo keessa galafamuuf tureera. Garuu rakkoo isaan Baaroorratti qopheessan kana namoota miseensa Dargii turaniin karaatti hafeera. Baaroon dhaabbata siyaasaa bara sana keessatti hundeeffaman hunda dhiisee saba bara mootummaa Haayile Sillaasee cunqrsaan irra ga’aa ture hundaa kan ofitti haammatu dhaaba Wala’ansoo saba balla’a unqursamoota Itiyoophiyaa ‘Ye Itoophiyaa Ciqunooch Abiyootawwii Tigil’ jedhu hundeesse.

Dhaabni kunis saba Oromoofi sabaafi sablammoota cunqurfamoota byyattii kan ofkeessatti haammate ture. Isaan booda Dargiin yeroo jabaachaa deemu oftuulummaasaa dabalaa deemuun dargiin dhaaba ‘EMALEDHI” jdhaman diiguutti kaanaan Oromoonni baay’een gara qabsootti seenuu jalqaban. Bara 1974 tti hundaa’ee baha Oromiyaa keessatti soch’aa kan ture Dhaabbati Bilisummaa Oromoo qabsaa’ota hedduu horachuu danda’ee ture. Baaroonis qabsoo kanatti seeenuudhaan gara bahaatti deemee geggeessummaan hojjetaa utuu jiruu bara 1977 tti lubbuunsaa darbe. Duutii Baaroo umurii gabaabaafi akka tasaa dhaaba Adda Bilissummaa Oromoofi uummata Oromoo akka malee naasiseera; miidheeras. Dargaggeessi umurii waggaa 35 tti diinaan ajjeeffame kun bara hundumaa godaannisa hindagatamne saba Oromoo irratti maxxansee jira.  Diinni oldeemtota Oromoo karaatti hambisuun isa duras ta’ee isaa asitti kan itti fufaa turedha.

Akkaataa du’asaa ilaalchisee saba Oromootiif odeeffannoon hinkennamne. Haata’u malee, du’a Baaroo Tumsaan booda namootni yeroo sana turan geggeessummaarratti dandeettii dhabuu qofaa utuu hintaane, ejjennoo dhabuusaaniirraan kanka’e dhaabasaaniitiifis ta’e uummatasaaniitiif ta’uu dadhabuudhaan ummata qaanessaniiru. Kaayyoo inniifi kan isa fakkaatan itti wareegamaniif xiyyeeffannoo guddaan hinkennamne. Har’a sammuufi dandeettiin uummata Oromoo yeroo kamirrayyuu caalaa akka malee guddachaa jira. Dargaggoonni Baaroo Tumsaa bakka bu’an Oromiyaa keessaa biqilanii jiru. Dhiigi Baaroo Tumsaa, Guddinaa Tumsaa, Magarsaa Barii, Jaagamaa Badhaaneefi dhiigi goototni Oromoo hedduun bilisummaafi dagaaginaan guutuummaa Oromiyaa keessa walgayee jira. Seenaan gootota Oromoo sirna diddaa garbummaatiif qabsaa’aa turanii bara baraan gabatee seenaarra hindhabamu. Dhiigni dargaggoota Oromoo harka diinaatiin dhangalaafame bilisummaa  goolee bantii lafaa hundarratti finiinu argamsiisuu akka danda’u firaafi diinni Oromoos wallaala natti hinfakkaatu.

Nama cimaa kan turaniif Waldaa Maccaafi Tuulamaa keessatti geggeessummaan hojjetaa utuu jiranii Mootummaa Hayile Sillaaseetiin hidhamanii rukkuttaan gidirfamanii lubbuun isaanii waxabajjii bara 1962 umurii waggaa 58tti kan darbe seenaafi ergaa Obbo Hayile Maariyaam Gammadaatiinan barreeffamakoo kana xumura. Utuu lubbuun isaanii hindarbiin dura hiriyoota isaanii mana hidhaa keessa jiran wajjin turaniin, an kanaan booda fayyee isinii wajjin jiraachuu akkan hindandeenye beeka; garuu kun ergaakoo isa xumuraati jechuun dubbiisaani akka arman gadiitti dubbtan. Jechi Maccaafi Tuulamaa jedhu akka ‘Bofa garaa namaa keessa galeeti; nuuf bofti sun ba’us ba’uu dhiisus summiisaa waan facaaseef, summiin sun nama keessaa ba’uu hindanda’u; nutis akkuma kana inni nukeessa seene kun nukeessaa ba’uu hindanda’u; qabsoon nuti amma jalqabne kunimmoo dhala dhala keenyaan bakka ga’a malee karaati hinhafu jedhanii torban kana dubbatanitti lubbuun isaanii darbite. Har’a kunoo guutummaa Oromiyaa keessatti dhalataan Oromoo barate seenaasaa akka qoratuufi ifa godhu  akkasumas utuu akka jabaa diinaan oofamuu lafasaa qabatee akka jiraatu kan taasise dhiiga ilmaan Oromoo kaleessa dhangala’e sanadha.  Bittaa abbaa lafaa jalaa baanee bittaa siyaasaa jala  hin seennu. Qabsoon walharkaa fuudhii waan ta’eef, har’arra bori akka wayyu dagachuun nurra hinjiraatu.  Warreen har’a carraa argannee lubbuun lafa kanarra jirru qabsoo barnootaa, siyaasaa, dinagdee barreessuu keessatti qooda nurraa eegamu fudhachuu yoo baanne dhiigniifi lafeen isaanii dhangalaes ta’e caccabe sun boqonnaa nu dhowwata.  Seenaanis duuba deebi’ee nutaajjaba.  Qabsoon itti fufa, garboomfataan nikufa akkuma jedhamutti garbummaan wallaalummaafi of wallaaluu akkasumas garbummaan hiyyuma gama hundaa nurraa haa hunkutaa’u jechuudhaanan barreeffamaakoo kana ammaaf xumura!

Galatoomaa!

Beekan Guluma Erena: PhD Student at the Addis Ababa University – Documentary Linguistics and Culture Department; Email: [email protected]

 

Post your comment

Comments

  • sirreessaa
    Added

    Kan kana barreessite sobduu fi sodaattuuw aan taateef maqaa ishee hin ibsine.Nama gandummaan macheesse kan ijaa fi gurra hin qabnee dha.Baaroo waggaa lama dura wareegame akka waan Magarsaafaa ajjeesiseetti boxoboxa.Yaaliin maqa-balleessii namoota dhama'oo akanaa enyummaa fi seenaa farfamaa goototaa fi hayyoota Oromoo jijjiiruu in danda'u.Baaroon urjii fi goota Oromoo ti.Gantuun,goomattuun,hinaaftuun,wallaaltuun kana jijjiiruu hin dandeessu.Waan hin dandeenye fi fhin beekne ofuma irraa dhiiftu siif wayya.Ati seenuma keehuu himatuu kan dandeessu hin fakkaattu.Maquma Baaroo dhahuunuu gantuu akka keen hin malle.

  • Sorsa
    Added

    Dhugaan hin qal'atti malee hincittu inni jedhan isa kana. Galatooma!
    Ani nama seenaa qoratellee miti. Garuu Beekan haa dogogoru malee seenaa kana kaasuun isaayyuu konoo dhugaan akkasiti aka baatu nu gargaare. Akan ilaalutti Beekan seenaa Baaroo sirriti hinqoranne. Barresaan kun immoo karaadhuma waan beeku bareessu dhabeetu yoona gaye. Isin lachuu galatoomaa! dhaloota dhufuuf gumacha/ barnoota guddaa dha. Maaliif kan kolfaa akka taanes hamma naa gale!
    Waayee Baaroo kana caala baruu hinfedhu. Obbo Leencoo namni enna Baaroo enyutu ajjeese jedhee gaafatu yaroo hunda "nama gaddisiisa garuu ani hinbeeku" jedhe deebisuuf ammaa naaf galee jira.

  • Hamza
    Added

    Hin dheebodhe !

  • Yomi Emiru
    Added

    Dubbisee quufuun dadhabe garuu Eenyummaa nama barreesse sanaa osoon bare akka maleen gammada.

Related Articles