Health

  • DHUKKUBA ASMII - Dr. Gurmeessaa

     

     

    Asmiin haawaasa bal'aa biyyoota guddatanii keessaa dhiibeentaa 7 (7%) kan hubu yoo tahu biyya keenya keessatti immoo uummata sanaa ol baayyatu kan hubuu fi dhukkuba ka'umsi isaa maal akka ta'e hin beekambedha.
    Dhukkubni asmii dhukkuba ujummoo qilleensaa waliin walqabatu yoo ta'u, dhukkubni kun kan nama qabu yoo ujummoon qilleensaa kulkulee (inflammation) godhatee bal'ina (diameter) duraan qabu irraa yoo xiqqaatuu fi dhangala'aa furdaa (mucus) maddisiisuudhaan yoo cufudha. Ujummoon qilleensaa dhiphatee fi dhangala'aa furdaa (mucus) kanaan guutame keessa qilleensi akka garaa olseenuu fi gadi bahuu hin dandahu. kana irraa kan kahe namoonni rakkoo kanaan qabaman .... Ni qufa'uu (keessumaa halkan), afuurri itti hanqata, lapheen ni dhukkuba, afuura yoo baafatan sagalee xiixuu yokaan qoquu (wheezing) dhagessisu, fi mallattoolee biroollee ni argisiisu.
    Dhukkuba kan maaltu nutti kakaasaa? Qaamni keenya uumamaan wantoota alagaa ta'an ofirraa lola. Ujummoon qilleensaa keenyas qaama keenya keessaa tokko waan ta'eef akkasuma. Ujummoon qilleensaa Kan warra dhukkuba kana qabanii addumatti waantoota tokko tokkotti yoo ba'u loluudhaan bal'inni isaa ni dhiphata, dhangala'aa armaan olitti ibsame sana gadi lakkisa. Wantootni qaamni isaanii lolu kun allergen jedhamu. Ujummoon nama isa fayyaa isaan waliin wal hin lolu, qaamni warra dhukkuba asmii qabanii ammoo ni lola. isaan keessaa muraasni:
    . Qilleensa qorraa
    . Qilleensa gogaa
    . Harca'a daraaraa gargaraa
    . Foolii cimaa( ajaa ykn urgaa)
    . Aara tamboo
    . Dhukkee (dust)
    . Dhukkuboota akka qufaa
    . Sammuun dhiphachuu (stress)
    . Aara qoraan boba'uu
    . Foolii bineeldota manaa
    . Foolii ilbisoota gargaraa 
    fi kkf. 
    Waa'ee wantoota kanaa kaasuu kan barbaachiseef akkuma beekamu qorichi dhukkuba asmii hundee irraa fayyisu hin argamne. Garuu qorichoonni mallattoolee asmii to'atan (controll) ka yeroo dheeraa fi gabaabaa gosa hedduutu jiru. Qorichoota kana biratti namni dhukkuba kanaan qabame waantoota isatti kaachisan yoo beeke waabtoota sana hambisuu (avoid) gochuu qaba. Fakkeenyaaf yoo qilleensa qorraa jibba ta'e afaan ofiitti marata yokaan kafana wayii godhatanii deemuun hedduu gargaara. Waan nutti kaasu beeknee irraa of eeguun waan salphaa miti, carraa qoricha cimaa fudhachuu fi hospitaala ciisuu irraa dhukkubsataa kana baraara. Namootni tokko tokko garuu kan maaltu akka isaanitti kaachisu hin beekamne ni jiru. 
    Dhumarratti hawaasa keessatti yeroo tokko tokko asmiin namarraa namatti qufaadhaan ni darba jedhamee yaadama. Kun digoggora asmiin dhukkubsataa tokkorraa kan biraatti hin darbu. Hidda dhiigaa ykn genetics dhaan garuu hamma xiqqoo maatii irraa dhalatti darbuu dandaha. Kana jechuun garuu yoo abbaaf haati asmii qabaatan mucaan ni qabata jechuu osoo hin taanee warra kuun irra caalaa carraa qabamuu qaba jechuudha
    GALATOOMAA!

    Read more